Qabeenyota Bu'uuraa
Labsii Deebiʼuu


Deebiʼuu Guutummaa Wangeela Yesus Kristos

Labsii Yaadannoo Waggaa Dhibba Lamaffaa Addunyaaf Darbe

Nuyi Waaqayyoo ilmaan isaa biyyoota hundumaa keessa jiraatan akka jaalʼatu kabajaan cimsinee nii labsina. Waaqayyoo abbaanis ilmaa isaa isa jaalʼatamaa, Yesus Kristosiin, dhalachuu waaqummaa, jireenya isa hin madaalamne, akkasumas aarsaa gatii kaffaltii cubbuu isa dhuma hin qabnee nuuf kennera. Humna abbaatiin Yesus Kristos duʼee deebiʼee duʼa irratti moʼicha argateera. Inni fayyisaa, fakkeenya keenya, akkasumas oolchaa keenyadha.

Waggoota dhibba lamaan dura, bara 1820 (A.L.A) tti ganama birraa bareedaa tokkotti, dargageessichi Yooseef Ismiiz, waldaa isa kamiitti makachuu akka qabu beekuu barbaaduudhaan, New York, USA bosona naannoo mana isaatii keessatti kadhachuudhaaf seene. Inni fayyina lubbuu isaa ilaalchisee gaaffii qaba ture akkasumas Waaqayyo akka isa qajeelchu amanee ture.

Gadi of deebisuudhaan, deebii kadhata isaatiitiif Waaqayyo abbaanii fi ilmi isaa, Yesus Kristos, Yooseef Ismiizitti akka of mulʼsanii fi Macaafa Qulqulluu keessattis akkuma raajame “waantonni hundinuu iddootti deebiʼuu” (Hojii Ergamootaa 3:21) akka jalqaban nuyi nii labsina. Mulʼata kana keessatti, inni duʼa Ergamoota warra jalqabaa hordofee, waldaan Kiristoos inni Kakuu Haaraa lafa kana irraa akka badee ture barateera. Yoseef iddootti deebiʼuu isaa kana keessattis meeshaa taʼe.

Gaggeessaa Waaqayyoo abbaa fi Yesus Kristosiin, ergamoonni waaqa irraa Yooseefiin barsiisuu fi waldaa Yesus Kristosiin deebisanii dhaabuuf akka dhufanii turan nuyi nii mirkaneessina. Duʼaa inni kaafame Yohaannis cuuphaan cuuphaa gad-fagoo fi dhiifamuu cubbuutiif aangoo deebiseera. Ergamoota warra jalqabaa keessaa warri sadanii–Pheexros, Yaaqoob, fi Yohaannis–furtuuwwan ergamummaa fi aangoo lubummaa lammataa deebisanii jiru. Isa maatiiwwan duʼa moʼanii bara baraan akka walitti hidhamanii jiraataniif aangoo deebisee ture, Eliyaasiin dabalatee, warri kaanis dhufaniiru.

Yooseef Ismiiz galmeewwan bara durii isa taʼe, Macaafa Mormoniin-dhuga baatuu Yesus Kristos isa kan biraa isa taʼe akka hiikuuf kennaan Waaqayyoo fi humni akka kennaameef nuyi itti daballee dhugaa nii baana. Fuulonni barreeffama qulqullaaʼaa kanaa seenaa tajaajila dhuunfaa Yesus Kristos isa inni duʼaa kaʼuu isaa booddee Kutaa Addunyaa Lixaa keessa namoota jiraatan gidduutti godhee turee of keessatti qabata. kunis kaayyoo jireenyaa isa gidduu-galeessa taʼe, kan barsiisuu fi barsiisa Kiristoosiin kan ibsuudha. Akka caaffata qulqullaaʼoottis Macaafa Qulqulluu gargaaree, Macaafni Mormon sanyiin namaa hundinuu dhiiraa fi dubartiin ijoollee jaalʼatamoo abbaa isa waaqa irraa akka taʼan, innis jireenya keenyaaf karoora waaqummaa akka qabu, akkasumas ilmi isaa Yesus Kristos akkuma guyyoota durii sana harʼas akka dubbatu dhugaa nii baʼa.

Eebila 6, 1830(A.L.A) tti Waldaan Yesus Kristos Qulqulloota Guyyaa Boodaa akka gurmoofte, Waldaan Kiristoos inni Kakuu Haaraa deebitee kan ijaaramte taʼuu nuyi nii labsina. Waldaan kunis isa qajeelchaa dhagaa golee ishee taʼeef, Yesuus Kiristoosittii, jireenya mudaa hin qabne isa taʼee fi gatii kaffaltii cubbuu isaa isa dhuma hin qabnee fi duʼaa kaʼuu isa dhugaa irratti kan hundeeffamteedha. Yesus Kristos ammas irra deebiin Ergamoota waameera akkasumas aangoo lubummaa isaaniif kenneera. Inni hundumti keenya gara Isaa fi gara Waldaa Isaatii akka dhufnuuf, akkasumas Hafuura qulqulluu, akkasumas sirnoota fayyinaa akka fudhannuuf, akkasumas gammachuu dhaabbataa akka argannuuf nu haffeera.

Lammaffaa deebiʼuun kun Waaqayyo abbaadhaa fi Ilma Isaa isa jaalʼatamaan, Yesus Kristosiin, erga jalqabee waggoonni dhibbi lama darbaniiru. Gutummaa addunyaa keessatti namoonni baayʼeen miiliyoonaan lakkaaʼaman beekumsa taateewwan raajiin irratti dubbatamee fudhataniiru.

Iddootti deebiʼuun waadaa galamee Kunis karaa mulʼata itti fufiinsa qabuutiin gara fuul-duraatti akka tarkaanfatu gammachuudhaan nii labsina. Laftis gonkumaa deebitee akka duraa hin taatu, sababni isaa Waaqayyo “waanta hundumaas harka Kiristoos jalatti walitti in qaba.” (Efesoon 1:10)

Nuyi Ergamoonni Isaa akkuma beeknu- samiin banamaa taʼuu isaa akka beekaniif-waaqeffannaa fi galataan hunda nii haffeerra. Waaqayyoo fedhii isaa ijoollee dhiiraa fi durbaa isaa jaalʼatamootti beeksisaa akka jiru nuyi nii mirkaneessina. Dabalataan warri kadhannaadhaan waaʼee ergaa isa deebiʼee qoratanii fi amantiidhaan hojjetan waaqummaa isaa fi kaayyoo Dhufaatii isa Lammaffaa Gooftaa keenyaa akkasumas fayyisaa keenya Yesus Kristos isa abdachiifameef biyya lafaa qopheessuuf dhuga baʼumsa mataa isaaniitiin akka isaan eebbifaman dhugaa nii baana.

Labsiin kun prezidaantii Russell M. Nelsoniin akka kutaa ergaa isaaniitti wal-gaʼii walii galaa waggaa 190ffaa, Ebila 5, 2020, magaalaa Soolti Leek, Yutaah keessatti gaggeeffame irratti kan dubbifameedha.

Print